Finfinnee, Bitootessa 15, 2017(FMC)- Naannoo Oromiyaatti yeroo ammaa lafti jallisiin misoomaa jiru heektaara miiliyoona 4 ol irra gahuu Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa beeksise.
Naannichatti jijjiiramaan dura lafti misooma jallisiif oolu heektaara kuma 400 qofa ta’uu yaadachiisuun, barii jijjiiramaa xiyyeeffannoo kennameen yeroo ammaa miiliyoona 4 ol irra gahuu ibse.
Kaanaanis uummanni naannichaa rooba irratti hirkatee oomishuu bira darbee lafa isaarratti waggaatti yeroo sadii oomishuu egaluu ragaan Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.
Bifuma walfakkaatuun jijjiirama dura iskiimiin jallisii ammayyaa adda addaa 396 kan hin caalle ta’uufi waggoottan jahan darbanitti pirojektoota jallisii 563 Birrii biiliyoona 30 oliin ijaaruun lafti hektaarri kumni 100 ol misoomuu biirichi ibseera.
Kanarraas abbootiin warraa kumni 200 ol fayyadamoo ta’uu yaadachiiseera.
Pirojektiiwwan Finnaa 73 Birrii biiliyoona 25 ijaaramaa jiran keessaa pirojektoonni 22 bara darbe keessa xumuramuu yaadachiisuun, bara kana pirojektoota Finnaa 17 xumuruuf xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jirus eereera.