Oromiyaatti xaa’oon kuntaalli kuma 400 gara godinaaleetti geejjibsiifamaa jira

Finfinnee, Mudde 5, 2016 (FBC)-Naannoo Oromiyaatti xaa’oon biyyee oomisha bara 2016/17’f ooluu kuntaalli kuma 400 gara godinaaleetti geejjibsiifamaa jiraachuu Biiroon Qonnaa naannichaa beeksise.

Naannichatti oomisha bara 2016/2017’f xaa’oo kuntaala miiliyoona 8.2 dhiyeessuuf hojjetama jiraachuu Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu ibsaniiru.

Obbo Geetuun, Ministeerri Qonnaa dhimmichaaf xiyyeeffannoo kennee hojjechaa jiraachuu eeranii, haga ammatti gahee naannichaa keessaa xaa’oo kuntaala kuma 400 gara godinaaleetti geejjibsiifamaa jiraachuu himuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment