Oromiyaatti Wiixata dhufurraa eegalee duulli hojii misooma sululaa bara 2015 ni eegala

Finfinnee, Amajjii 13, 2015 (FBC) –Wiixata dhufurraa eegalee guutuu Oromiyaatti duulli hojii misooma sulaala bara 2015 kan eegaluu ta’uu ibsameera.

Haaluma walfakkatuun godinaalee fi aanaalee misooma buna qaban hunda keessaatti, sirni hojii buna dulloome gamashuu fi buqqisuu guyyoota 60’f turu ni labsama jedhameera.

Godinaaleefi aanaalee hundatti sagantaa hojii jalqabbii misooma sululaa Wiixata waaree dura kan gaggeefamu ta’uu Biiroon Qonnaa beeksiisuu ragaan Waajjira Pireezidaantii naannoo Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment