Oromiyaatti Waltajjiin Ajandaa walitti qabuu marii biyyaalessaa boru eegala

Finfinnee, Mudde 6, 2017 (FMC) – Naannoo Oromiyaatti Waltajjiin Ajandaa walitti qabuu boru kan eegalu ta’uu Komishiniin Maree biyyaalesaa beeksise.

Waltajjiin kun guyyaa boruu magaalaa Adaamaatti Kan eegalu ta’uu komishinichi ibsa miidiyaaleef kenneen himeera.

Waltajjii Marii ajandaa walitti qabuu kana irratti bakka bu’ootni kutaalee hawaasaa Aanaalee 356 irraa walitti babba’an kumni 8 ol kan hirmaatan ta’uu Komishinarri olaanaan Komishinichaa Piroofesar Masifin Ar’ayaa himaniiru.

Waltajjiin marii kun Mudde 7- 15, 2017 tti boqqonnaa lamaan qoodamee kan gaggeefamu yoo ta’uu, Boqonnaa jalqabaan Mudde 7 – 11,2017 bakka bu’oonni kutaalee hawaasaa kumni 7 fi 220 mari’achuun ajandaa qindeessuun bakka bu’oota ajandaa qindeessuuf filatamanitti kennuun kan xumuran ta’a jedhameera.

Mudde 12, 2017 mariin qaamolee dhiibba uumtotaa kan gaggeeffamu yoo ta’uu, boqonnaa 2ffaan Mudde 13- 15, 2017 qooda fudhattootni qaama mootummaa, paartilee, dhaabbilee Siviikii, dhiibbaa uumtoota irraa walitti babba’an kumni 1 fi 700 ta’an mari’achuun ajandaa qindeessu.

Waltajjii marii ajandaa adda baasuu kana irratti haala mijeesitootni 48 fi ogeeyyiin komishinichaa 100 ol ni hirmaatu jedhame.

Muluu Waaqshumeetu gabaase.

#Oromiyaa #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment