Oromiyaatti wabii nyaataa magaalotaa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu ibsame

Finfinnee, Adoolessa 5, 2014 (FBC) – Oromiyaatti bara baajataa 2015tti wabii nyaataa magaalotaa mirkaneessuu fi hiyyummaa hir’isuurratti xiyyeeffannoon kan hojjetamuu ta’uu ibsameera.

Waltajjiin marii wabii nyaataa magaalotaa mirkaneessuufi hiyyummaa hir’isuurratti xiyyeeffate magaalaa Adaamaatti bakka sadarkaa Itti aanaa Preezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti qindeessaan kilaastera magaalotaa Obbo Addisuu Aragaan argamanitti gaggeeffamaa jira.

Gamaaggamni raawwii karooraa kilaastara magaalotaa ijoon bara 2014, qabiyyeen Ka’umsa karoora damichaa kan  bara baajataa haaraa, adeemsi raawwii qonna magaalaa fi carraa hojii uumuu dhimmoota xiyyeeffannoo waltajjichaa ta’uu eerameera.

Carraa hojii uumuu kalaqaa fi ogummaan kan deeggarame taasisuu fi bu’uuraalee misoomaa eegalaman haala sadarkaa fi qulqullina isaanii eeganiin itti fufsiisuun danda’amurratti mari’atamaa jiraachuu TOI gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment