Oromiyaatti ummanni miiliyoonni 16 dhibee ‘Onkoosarkasis’ waliin jiraatu

Finfinnee, Guraandhala 16, 2015 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti ummanni miiliyoonni 16 dhibee ‘Onkoosarkasis’ waliin akka jiraataan Biiroon Fayyaa Oromiyaa ibse.

Waltajjiin marii dhibee ‘Onkoosarkasis’ ittisuurratti xiyyeeffate Magaalaa Jimmaatti gaggeeffameera.

Waltajjichaarratti, Itti Aanaan Hogganaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Obbo Darajjee Abdannaan akka biyyaatti ummata miiliyoonni 20 dhibee kanaaf saaxilamoo ta’uu fi kana keessaas, ummatni miiliyoonni 16 naannoo Oromiyaa keessaa ta’uu himaniiru.

Dhibeen ‘Onkoosarkasiis’ hanga qaroo dhabsiisuutti kan geessisu fi Godina Iluu Abbaa Boor aanaaleen sadii dhibee kanarraa bilisa ta’uu eeraniiru.

Itti Gaafatamaan Waajjira Eegumsa Fayyaa Godina Jimmaa Obbo Fu’aad Saabiit gama isaaniin godinicha aanaalee Guumayii fi Geeraa dabalatee aanaaleen shan dhibecharraa bilisa ta’uu labsaniiru.

Godinichatti dhibecha dhabamsiisuuf waajjirichi dhaabbata miti mootummaa Kaartar Seentar Ityoophiyaa waliin qindoominaa hojjechaa turuu yaadachiisaniiru.

Dhibeen Onkoosarkasiis naannawaa laggeen jiranitti kan hammaatu yoo ta’u, Titiisa Gurrachaan kan tatamsa’uu ta’uun ibsameera.

Muktar Xahaatu gabaase

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment