Oromiyaatti tola ooltummaa Gannaan Manneen Barnootaa Bu’uura Boruu kuma 5 ni ijaaramu-BBO

Finfinnee, Waxabajjii 29, 2016 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti hojii tola ooltummaa Gannaa baranaan Manneen Barnootaa Bu’uura Boruu kuma 5 kan ijaaraman ta’uu Biiroon Barnootaa Oromiyaa beeksise.

Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoon, Godina Harargee Bahaa Aanaa Meettaatti hojii tajaajila lamummaa Gannaa eegalchiisaniiru.

Dooktar tolaan sganticharratti akka jedhanitti, akka Oromiyaatti barana hojii tajaajila lamummaatiin manneen barnoota bu’uura boruu kuma 5 fi manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa kuma 1 ol ijaaruuf hojiin jalqabameera.

Kana malees, manneen jireenya Barsiisotaa kuma 8 fi 900 ol, Paarkiin ICT Aanaalee 341 keessatti ijaaruu fi Sadarkaa Manneen Barnoota kuma 2 fi 948 fooyessuu fi kannen biroon gaggeessuuf karoorfamuu dubbataniiru.

Sagantaa eegalame kanas galamaan ga’uufis qaamolee hawaasaa hunduu gaha irraa eegamu akka bahatu dhaamaniiru.

Kadiir Shamsaddiintu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment