Oromiyaatti tatamsa’ina Vaayrasii Koroonaa ittisuuf hojiin tajaajila lammummaa ifatti labsame

Finfinnee, Bitootessa 12, 2012 (FBC) – Oromiyaatti guyyaa har’aa eegalee tatamsa’ina Vaayrasii Koroonaa ittisuuf hojiin tajaajila lammummaa ifatti labsame.
 
Preezdaantiin bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa tatamsa’ina Vaayrasii Koroonaa ittisuuf guyyaa har’aa eegalee hojii tajaajila tammummaa ifatti labsaniiru.
 
Dhibeen Koronaa rakkoo fayyaa idil-addunyaa ta’ee erga labsamee bubbuleera jedhan Preezdaant Shimallis.
Biyyii fi mootummaan keenyas rakkoo fayyaa madda rakkoo siyaas-dinagdee fi hawaasummaa ta’e kana ittisuu fi to’achuuf hojii qabatamaa keessa jiraachuunsaa ni beekama jedhan.
 
Koree taaski foorsii sadarkaa hundatti hundeessee raawwii hojii guyyaa guyyaa qorachaa Jira.
 
Hoggansi Mootummaa sadarkaa hundatti argamu hojiiwwan isaa guyyaa guyyaa keessatti dhimma ittisaafi to’annoo dhibee koronaatiif dursa kennuun akka hojjetu kallattiin taa’ee raawwiin isaas hordofamaa jira.
 
Bu’uuruma kanaan koree hoggansaa fi teeknikaa hundaa’uun hojii hawaasaaf odeeffannoo uumuurratti hojjechaa Jiraachuu ibsaniiru.
 
Seektera fayyaa waliin ta’uudhaan mala ittisaa fi to’annoo dhibee Koronaarratti hubannoo uumuun hojii sadarkaa duraarratti xiyyeeffannoo argatee raawwatamaa jiru ta’uu himaniiru.
 
Ogeeyyiin seektara fayyaa naannoo Oromiyaa weerara dhibee idil-addunyaa kana to’achuuf tarkaanfii akka mootummaatti fudhatame nafeeffattanii hojii raawwataa jirtaniif dinqisiifannaa fi galata guddaan qabaachuu isaanii dubbataniiru.
 
Hawaasa hunda hirmaachisuun hojii ittisaa fi to’annoo vaayrasii Koronaa milikeessuuf guyyaa har’aa eegalee hojiin tajaajila lammummaa tatamsa’ina vaayirasii koronaa to’achuuf addatti guutuu Oromiyaatti labsamuu isaa Preezdaant Shimallis ibsaniiru.
 
Preezdaant Shimallis hawaasni naannichaa odeeffannoo qulqulluu fi wayitawaa qindoomina seektera fayyaa fi hoggansa dhimmi ilaallatuun giddugaleessa tokkorraa darbu dhaggeeffatee hirmaannaa isaatiin fayyaa isaa akka eeggatu ergaa dabarsaniiru.
 
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment