Oromiyaatti tatamsa’ina busaa ittisuuf hojiin qindaa’aan qooda fudhattoota hirmaachise hojjetamaa jiraachuun ibsame

Finfinnee, Adoolessa 10, 2016 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti tatamsa’ina dhibee Busaa ittisuuf hojiin qindaa’aan qooda fudhattoota hirmaachise hojjetamaa jiraachuu Biiroo Fayyaa Oromiyaa beeksise.

Hogganaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dooktar Mangistuu Baqqalaa akka himanitti, tatamsa’ina dhibee busaa mudate ittisuu fi to’achuuf hojjetamaa jira.

Tamsa’inni busaa naannawalee gammoojjii naannichaa qofatti ture naannawaa Baddaa fi Badda Dareetti babal’achuusaa yaadachiisan.

Gujii fi godinoota Wallaggaa arfan dabalatee godinaalee naannicha hedduu keessatti sadarkaa tatamsa’ina dhibichaa adda baasuun furmaanni kennamaa akka jiru eeraniiru.

Dhukkuba kana ittisuu fi to’achuuf Ministeera Fayyaa fi qooda fudhattoota waliin qindaa’uun hojii hojjetameen tajaajilli galteewwan wal’aansaa kennamuu dubbataniiru.

Hanqina dhiheessii galteewwan wal’aansaa dhaabbilee fayyaa mul’atu furuu fi dhukkubicha ittisuurratti xiyyeeffatamee hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.

Haadholii, daa’immanii fi maanguddootaaf dursa kennuun hojiin ittisaa hojjetamaa akka jiru dubbatanii, bara bajataa xumurame Agoobarri siree miiliyoona 7.2 raabsamuu Dooktar Mangistuun yaadachiisuu Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa gabaaseera.

Yuunivarsiitota, tola ooltotaa fi dargaggootaa hirmaachisuun hojiin hubannoo uumuu akka hojjetame himan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment