Oromiyaatti  tajaajilli lammummaa mata duree ” haadha koof mana ijaaree eebba nan fudhadha ” jedhuun Adoolessa 18 eegala jedhame

Finfinnee, Adoolessa 16, 2014 (FBC)- Adoolessa 18 irraa eegalee guutuu Oromiyaatti kenni tajaajila lammummaa mata duree ” haadha koof mana ijaaree eebba nan fudhadha ”  jedhuun kan eegalu ta’uu jaarmiyaaleen Dubartoota Oromiyaa beeksisan.

Kenna tajaajila Lammummaa Bara 2014 fi 2015, ilaalchisuun Jaarmiyaaleen dubartoota Oromiyaa  miidiyaaf ibsa kennaniiru.

Ibsa kanaanis ,kenni Tajaajila Guutuu Oromiyaatti Adoolessa 18 irra eegalee Manneen 7500 ijaaruuf Mataa duree ” haadha koof mana ijaaree eebba nan fudhadha ” jedhuun jalqabamas jedhameera.

Ibsicha  kan  kennan Dhimma dubartootaa fi Daa’imman Oromiyaa , Waldaa Dubartootaa Oromiyaa , Federeeshinii Dubartootaa fi Liigii Dubartootaa Paartii Badhaadhinaa Oromiyaati.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa  waggoota sadan dabran kenna Tajaajila Hawaasaan ummanni gurmaa’ee humnaa fi Beekumsa qabuun akka wal gargaaruuf hojii bu’aa qabeessa hojjachaa jira kan jedhan, Hoggantuun Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii Oromiyaa Aade Jaamilaa Simbiruu as keessattis Jaarmiyaaleen Dubartootaa qoodii isaa guddaa tahuu eeran.

Karoora kenna Tajaajila kanaanis Jaarmiyaaleen Dubartootaa dirqama isaanii ba’uuf Lammiilee hundaaf ” yaamicha harmee ” taasisuufis jedhan.

Hojiin ”yaamicha hamree ”kunis Adoolessa 18 irra jalqabee Gandoota irraa kaasee hanga Godinaafi Magaalaatti akka gaggeefamus himan.

Jaarmiyaaleen Dubartootaa kunis hojii yaamicha Harmee kanaan manneen 7,500 ijaaruuf karoorfamee hojjatamaa jira; isaan keessas, sosochii  taasifameen manneen 591ijaaramuus dubbatan.

Hojiiwwan kenna tajaajila kana keessattis miidhaan dubartoota irra ga’an hambisuufis hunduu osoo hin tuffatiin yaamicha Harmee kana owwachuu  qabu kan jedhan, immoo Pirezedaantii  Federeeshiinii Dubartoota Oromiyaa, Aadde Askaalee Lammaati.

Du’aatii Haadholee hambisuufis hojiin Dhiiga Arjoomuus cimuu qabas jedhan.

Itti Gaafatamtuun Ijaarsa Liigii Dubartoota Paartii Badhaadhina Oromiyaa aadde Maabraat Baacaa gamasaaniin, kenna Tajaajiala Lammumma bara dabree irraa muuxannoo arganne cimsinee itti fufsuuf jaarmiyaaleen Dubartootaa qooda guddaa qaba jedhaniiru.

Hojii kenna Tajaajila Lamumma kanaan dubartoota miiliyoona saddeet hirmachisuun baasii Mootumma Birrii biiliyoona 2.8 hambisuuf karoorfamee hojjetamaa jira jedhan.

Itti Gaafatamtuun Waldaa Dubartootaa Oromiyaa, Aadde Shittaayee Dessaanyi Hojiin yaamicha Harmee Adoolessa 18 irraa eegalee jalqabu kun akka milkaa’uuf hunduu qooda isaa bahuu akka qabu waamicha dhiyeessuu OBN gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment