Oromiyaatti tajaajila lammummaa Birrii biiliyoona 102’tti tilamaamu hojjechuuf karoorfameera

Finfinnee, Qaammee 3, 2015 (FBC)- Bara baajataa 2016 Naannoo Oromiyaatti tajaajila lammuummaa Birrii biiliyoona 102’tti tilmaamamu raawwachuuf karoorfamuu Buusaa Gonofaa Oromiyaa beeksise.

Waltajjiin Marii Qaammee 3 Guyyaa Gaarummaa/Tajaajila Lammummaa irratti xiyyeefate Waajjira Pireezadaantii Naannoo Oromiyaatti gaggeeffamaa jira.

Hogganaan Buusaa Gonofaa Oromiyaa Obbo Habtaamuu Siisaay Buusaa Gonofaan erga hunda’ee waggaa tokkoof walakkaa darbetti hojjiwwan diinagdee hawaasummaa hedduun hojjatamu himan.

Qaammee 3 guyyaan arjoomaa/Tajaajila lammummaa Mata duree “Gaarummaa biyyaaf” jedhuun sadarkaa Oromiyaatti sagantaalee garaagaraan kabajamaa jiraachuu kaasaniiru.

Itti gaafatamaa tajaajila Lammummaa Oromiyaa Dooktar Mahaammadanaasiir Abbaa Jamaal bara 2015’tti hojiileen tajaajila lammummaa hedduun hojjetamuu kaasaniiru.

Bara bara 2016tti ammoo damichaan hojiilee Birrii biiliyoona 102’tti tilmaamman raawwachuuf karoorfamee, hanga ammaatti, hojiileen tajaajila lammummaa Birrii biiliyoona 28tti tilmaammu raawwatamuu ibsaniiru.

Itti gaafatamaan Waajjira Pireezadaantii Naannoo Oromiyaa Obbo Mogos Ida’ee gama isaaniin Motummaan aadaa Oromoo sirneessuuf hojjachaa jiraachuu kaasun Buusaa Gonofaan, duudhaa fi aadaa Oromoo irraa waraabbame akka sirnaa’ee caaseffamu erga taasifame waggaa muraasa keessatti bu’aa abdachiisaa argamsiiseera jedhan.

Kanaanis hirmaannaan hawaasaa eegalame cimee itti fufu qaba jedhaniiru.

Waltajjicharratti qorannoowwan Inistitiyuutii Qorannoo Oromoon qorataman dhiyaatanii irratti mari’atamaa jira.

Muluu Waaqshuumee fi Maraa’ol Kadiirtu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment