Oromiyaatti Tajaajila Fayyaa Dijitaalaayizeeshinii hojirra oolchuuf hojjetamaa jiraachuun ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 15, 2017 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti Tajaajila dhaabbiilee fayyaa Dijitaalaayizeeshinii taasisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Biiroon Fayyaa naannichaa beeksise.

Biirichi tajaajila fayyaa Si’ataa fi qulqullina qabu hawaasaaf dhiyeessuuf dhaabbiilee fayyaa hunda keessatti hojmaata dijitaalaayizeeshinii hojirra oolchuuf hojjechaa jiraachuu Biiroo Fayyaa Oromiyaatti Qindeessaan Hoggansa Hospitaalootaa Obbo Seeyifuu Gabreen Faanaa Biroodkastingi Koorporeetiif ibsaniiru.

Naannichatti hanga ammatti Hospitaaloota 6 fi Buufatalee Fayyaa 6 keessatti tajaajilli waraqaarraa bilisaa kennamaa jiraachuu himaniiru.

Fuulduratti Hospitaaloota 121 fi buufaatalee fayyaa kuma 1 fi 425 keessatti tajaajila si’ataa fi dhaqqabummaa qabu dhiyeessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuus Obbo Seeyifuun dubbataniiru.

Biirichi Ministeera Fayyaa waliin ta’uun komii fi rakkoo kenniinsa tajaajilarratti mul’atan furuuf hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.

Tsahaay Gulummaatu gabaase.

Comments (0)
Add Comment