Oromiyaatti sosochii “Ityoophiyaan haa oomishtuun” indaastiriiwwan 120 ol irraa deebiin hojii eegalaniiru-Biiricha

Finfinnee, Caamsaa 25, 2015 (FBC)- Sababa garaagaraatiin hojii dhaabanii kan turan indaasturiiwwan 120 ol sosochii “Ityoophiyaan haa oomishtuutiin” irra deebiin gara hojiitti seenuu Biiroon Invastimantii fi Indaastirii Oromiyaa beeksise.

Hogganaan Biirichaa Obbo Ahimad Idiriis akka ibsanitti, sosochiin “Ityoophiyaan haa oomishtuu” dadammaqiinsa indaastiriiwwan naannichaaf gumaacha taasiseera.

Sosochichi erga hojiirra oolee as rakkooleen indaastiriiwwan oomishuu isaan mudataa ture adda ba’uun furamuu himaniiru.
Naannichatti indaastiriiwwan hojii dhaabanii turan 120 erga sosochichaatii gara hojiitti deebi’uu dubbataniiru.

Dabalataanis hojiilee qindoominaan hojjetamaniin pirojektoonni kuma 2 ol gara ijaarsaatti akka seenaan taasifamuu ibsaniiru.

Sosochichi dandeettii oomishtummaa indaastiriiwwaan naannichaa dabaluu kan eeran Obbo Ahimad, giddugaleessaan dandeettii oomishuu indaastiriiwwanii %41 ture gara %51tti guddachuu himaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment