Finfinnee, Onkoloolessa 1 ,2015(FBC)- Naannoo Oromiyaatti sagantaan nyaata manneen kutaa 1-4 hunda keessatti guyyaa har’aa eegaleera.
Naannoo Oromiyaatti bara barnootaa 2015 manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa hunda keessatti barattoota miiliyoona 7.5 nyaachisuuf karoorfamee hojjetamaa kan ture yoo ta’u sagantaan kun guyyaa har’aa manneen barnootaa kutaa 1-4 ta’an hunda keessatti eegalameera.
Sagantichi harcaatii barattootaa keesumattuu sadarkaa 1ffaa keessatti mul’ataa ture hambisuun qaama hojiiwwan qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hojjetamaa jiran keessaa isa tokko jedhameera.
Lammii ga’umsaafi ofitti amanamummaa qabu oomishuuf guddina daa’immaanii irratti hojjechuun murteessaa ta’uu ibsameera.
Sagantichi akka milkaa’uuf qaamoleen dhimmamtoonni hundi ga’ee isaan irraa eegamu ba’uu akka qaban ibsamuu ragaan kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.