Oromiyaatti sababa balaa loolaatin namoonni kumni 12 ol buqqa’aniiru

Finfinnee, Hagayya 21, 2012 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti sababa balaa loolaatin baatii Adooleesarra eegalee namoonni kumni 12 ol buqqa’uusanii komishiniin Sodaa Balaa Oromiyaa beeksisera.

Naanichatti roobni ganna roobu erga eegalee kaasee namoonni kumni 100 ol sababa loolaatiin miidhaaf saaxilamuu isaani ibsameera.

Itti aanaan komishinii Sodaa balaa Oromiyaa komishinaar Garramuu Oliiqaa, yeroo adda addaatti balaa loolaa qaqqabeen lubbuu lammileerratti miidhaa akka hin qaqqabsisneef deebii ariifataan laatama tureera jedhan.

Miidhamtootaaf deeggarsa nyaataa fi uffannaa taasisu dabalatee hojiin odoola fayyaadamuun naamotaa biishaan keessaa baasuun hojjetama tureera jedhan.

Gannichaan bishaan Awwaash hamma ol gutuun namoota irratti miidhaa qaqqabsiisu obbo Garramuun dubbataniiru.

Gujii dhihaa, godinaalee bahaa fi dhihaa Harargee, Shawaa bahaa fi dhihaa , godina addaa fi godinaalee Baaleettii miidhaa kan qaqqabsisee ta’uus wayita amma gutinsii lageenii hir’achaa waan dhufeef namoota miidhaman gara qe’ee isaanitti deebisuuf hojjeetama jiraachu ibsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment