Oromiyaatti rakkoolee nageenyaan barattoonni %5 ta’an barnoota addan kutuun eerame

Finfinnee, Adoolessa 6, 2014 (FBC) – Rakkoolee nageenyaa Naannoo Oromiyaa godinalee murasa keessatti uumameen barattonni % 5 ta’an barnoota isaanii addan kutuu Biiroon Barnootaa Oromiyaa Ibse.

Hojiilee damee barnootaa naannichaarratti Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoo miidiyaaleef ibsa kennaniiru.

Haalumaa kanaan, bara barnootaa 2014 keessaa hojiilee barnootaa naannichaatti hojjetaman jajjabbeessa ta’uu eeraniiru.

Barnootaan dhaloota qaruuf manneen barnootaa Ifa Boruu 100 fi manneen barnootaa bultii addaa ijaaramuun tajaajila barnootaa kenna jiru jedhaniiru.

Barana rakkoolee nageenya godinalee murasa keessatti uumameen barattoonni naannichaatti barataa jiran keessaa % 5 kan ta’an barnoota akka addan kutuu Dooktar Tolaan ibsaniiru.

Naannicha keessaa barattoonni % 52 barana Dhaabbilee Barnoota Olaanoo kanneen seenaan ta’uu ibsaniiru.

Ijaarsa pirojektoota barnootaan walqabatee Dooktar Tolaan akka ibsanitti, naannichaatti manneen barnootaa bultii adda 33 jiraachuu fi pirojekticha babal’isuuf hojjetamaa akka jiru kaasaniiru.

Hojiilee ijaarsa pirojektii Manneen Barnootaa Ifa Boruu hojjetamaa turaniin walqabatee namoota kuma 150 carran hojii uumamuu danda’eera jedhan.

Bara barnootaa 2015’tti qulqullina barnootaa mirkaneessuu, nyaataa barattootaa fi manneen barnootaa Ifaa Boruu babal’isuurratti xiyyeeffannaan kan hojjetamu ta’uu himaniiru.

Muuxannoo gaggaarii hojiilee barnootaan Naannoo Oromiyaatti argamee naannolee birootti babal’isuuf hojjetama jiraachuus himaniiru.

Gammachuu Beekumatu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Yeroo amma naannichaa keessatti barattoonni miliyoona 10.6 olii barnootaa isaanii hordafa jiraachuun eerameera.

Comments (0)
Add Comment