Oromiyaatti Rakkoo Kenniinsa Tajaajilaa Furuuf Hojjetamaa Jira jedhame

Finfinnee, Onkololeessa 14, 2017 (FBC) –Naannoo Oromiyaatti Rakkoo Kenniinsa Tajaajilaa Furuuf Hojjetamaa Jiraachuu Biiroon Paabliik Sarvisiifi Misooma Qabeenya Humna Namaa Naannoo Oromiyaa beeksise.

Gamaggamni raawwii hojii kenna tajaajilaafi karoora tiraansfoormeeshinii kenna tajaajila Mootummaa Naannoo Oromiyaa bara 2017 sadarkaa biiroolee Oromiyaatti gaggeeffameera.

Kenni tajaajilaa dhimma xiyyeeffannoo hooggansaa barbaadu ta’uu Pireezidaantii Itti Aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii gamaaggamicharratti ibsan.

Naannoo Oromiyaatti bara 2014 irraa kaasee hanga bara 2017 Kurmaana tokkoffaatti hojjatoota mootummaa kenna tajaajilaa danqan kuma 58fi 267 irratti tarkaanfii salphaafi cimaan fudhatamuun Hooggantuun Biiroo Paabliik Sarvisiifi Misooma Qabeenya Humna Namaa Oromiyaa Aadde Kokobee Didhaan himaniiru.

Qacarrii seeraan alaatiin walqabatees Birrii miliyoona 107 karaa seeran alaatiin bahuuf ture dubbachuu Kallachi Oromiyaa gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment