Finfinnee, Waxabajjii 27, 2014 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti qormaannii kutaa 8ffaa bara 2014 Waxabajjii 27 – 29 kennamu bakka hundatti haala gaariin jalqabuu Biiroon Barnootaa Oromiyaa ibseera.
Biirichi akka eeretti, barattoonni qormaatichaaf taa’an kuma dhibba 4 fi kuma 50 fi 235 yoo ta’an, barattoonni qophii barbaachisaa taasisaa turuu ibsameera.
Barattooni wayita qormaata fudhatan waraqaan deebiin itti kennamu eeggannoon qabamuu fi maatiin barattootaas gorsa barbaachisaa fi deeggarsa taasisuu akka qaban dhaamuu ragaan biiricharraa argame ni mul’isa.
Bifuma walfakkaatuun Magaalaa Finfinneettis qormaanni kutaa 8ffaa bara barnootaa 2014 kennamaa jiraachuu ibsameera.
Magaalichatti barattoonni qormaaticha rakkoo tokko malee fudhachaa jiraachuu fi qormaatichi guyyoota 3’f kan kennamu ta’uu eerameera.
Nageenyaa fi adeemsa qormaatichaa hordofuuf koomaandipoostiin hundaa’uu fi qaamoleen nageenyaa 10 bobbaafamuu ibsameera.
Magaalichatti barattoonni kumni 71 fi 832 qormaaticha kan fudhatan ta’uu Biiroon Barnootaa Magaalaa Finfinnee ibsee turuu TOI gabaaseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.