Oromiyaatti qorichoonni tolaan kennaman karaa seeraan alaan hawaasaatti maallaqaan gurguramaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Caamsaa 20, 2016 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti Alseerummaa qorichaa busaa hambisuuf hojjetamaa jiraachuu Biiroon Fayyaa naannoo Oromiyaa ibseera.
Naannoo Oromiyaatti qorichoonni tolaan kennaman karaa seeraan alaan hawaasaatti maallaqaan gurguramaa jiraachuu Itti Aanaa Hogganaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dooktar Tasfaayee Kibabaw ibsaniiru.
Biirichi rakkoo kana furuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin magaalaa Shaashamanneetti mari’ateera.
Naannichatti gandoonni kumni 5tti hiiqan dhibee busaaf saaxilamoo ta’uu himaniiru.
Mannee Kuusaa qorichaa seeraan ala qoricha hin eeyyamamneefi tolaan kennaman gurguran irratti tarkaanfiin fudhatamaa jiraachuu Itti gaafatamaan Waajjjira Fayyaa magaalaa shaashamannee Obbo Sulxaan Huseen dubbataniiru.
Bara 2030tti dhibee busaa dhabamsiisuuf hojjatamaa jiraachuu eerameera.
Jibriil Huseentu gabaase.
Comments (0)
Add Comment