Oromiyaatti qonnaa Gannaan oomishni kuntalli miiliyoonni 6 argamuun ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 23, 2017 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti qonnaa Gannaan hanga ammaatti oomishni kuntaalli miiliyoona 6 argamuu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksise.

Hogganaa Itti Aanaan Biirichaa Bariisoo Fayyisaan akka ibsanitti, qonna Gannaan lafti hektaarri miiliyoona 10.85 sanyiin uwwifamuu ibsaniiru.

Kanarraas oomishni kuntaalli miiliyoona 337 akka eegamu eeruun, hanga ammaatti oomishni kuntaalli miiliyoona 6 argamuu ibsaniiru.

Kana keessaa lafti hektaarri miiliyoona 8.6 kilaastaraan misoomuu ibsanii, hojiin misooma qonnaa Gannaa qindaa’aa fi milkaa’inaan gaggeeffamuu himaniiru.

Dhiyeessiin galteewwan qonnaa haala ga’aa ta’een dhiyaachuus kaasaniiru.

Hojiilee misooma jallisii bonaan lafa hektaara miiliyoona 4 misoomsuuf karoorfamuu dubbatanii kana keessaas oyiruun hektaarri miiliyoona 1 qophaa’uu ibsuu TOI gabaaseera.

Hanga ammaatti jallisii Bonaaf lafti hektaarri kuma 600 sanyiin uwwifamuud kaasaniiru.

#Oromiyaa #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment