Oromiyaatti qonna gannaan hanga ammaatti lafti hektaarri kumni 836 ol faca’e – Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Adoolessa 11, 2015 (FBC) – Bara oomishaa 2015/16 lafa hektaara miiliyoona 2.2 oomisha qamadii gannaatiin uwwisuuf karoorfamee hanga ammaatti hektaarri kumni 836 ol faca’uu Pireezidaantiin naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan ibsan.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa hudhaalee seektara qonnaa keessa jiran gadi fageenyaan qoratee furmaata Imaammataafi raawwii kaa’uun, wabii midhaan nyaataa mirkaneessurra darbee, madda sharafa alaa akka ta’u hojiin hojjetamaa jiru bu’aa qabatamaa argisiisuu Obbo Shimallis dubbataniiru.

Bara oomishaa 2015/16, lafa hektaara miiliyoona 2.2 oomisha qamadii gannaatiin uwwisuuf karoorfamee hanga ammaatti lafti hektaarri kumni 836 ol facaasun danda’amuu kaasaniiru.

Kunis Bara oomishaa 2014/15’n yoo madaalame, hektaara kuma 500 caalmaa qabaachuu himniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment