Oromiyaatti Qonna Gannaan hanga ammaatti lafti heektaarri miiliyoonni 7.11 sanyiin uwwifamuu ibsame

Finfinnee, Adoolessa 23, 2016 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti Qonna Gannaan hanga ammaatti lafti heektaarri miiliyoonni 7.11 sanyiin uwwifamuu ibsameera.

Bara oomishaa kana naannichatti qonna Gannaan lafa heektaara miiliyoonna 10.8 misoomsuuf karoorfamee lafti heektaarri miiliyoonni10.06 qotamuu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.

Lafa qonna Gannaan misoomsuuf qabame keessaa lafa heektaara miiliyoona 8.6 kilaastaraan misoomsuuf karoorfamee heektaarri miiliyoonni 7.9 ol qophaa’eera.

Hanga ammaatti lafti heektaarri miiliyoonni 7.11 ol sanyii gosa adda addaa uwwifamuu eerameera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment