Oromiyaatti pirojektoonni kuma 30 ol Birrii biiliyoona 110’n ijaaramaa jiraachuun ibsame

Finfinnee, Mudde 23, 2016 (FBC)- Barana Naannoo Oromiyaatti pirojektoonni garaagaraa kuma 30 fi 700 ol, Birrii biliyoona 110 oliin ijaaramaa jiraachuun ibsame

Raawwiin pirojektoota Mootummaa Naannoo Oromiyaa ji’oota 5’n darbanii qoratameera.

Waltajjicharratti Pireezidaantiin Ittaanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin akka jedhanitti pirojektoonni ijaaramaa jiran yeroo qabameef keessatti saffisaa, qulqullinaa barbaadamuun akka xumuramaniif kutannoon hojjetamaa jiru.

Bara 2016 keessa pirojektoonni garaagaraa kuma 30 fi 718 Birrii biliyoona 110 oliin ijaaramaa jiraachuun ibsameera.

Pirojektoonni naannichatti ijaaramaa jiran waliigalaan % 40 irra jiraachuu kan himan Obbo Awwaluun, raawwioin pirojektootaa kanneenii baatii baatiin %20 dabaluu akka qaban hubachiisaniiru.

Hoggantoonni Biirolee fi dhaabbileen ijaarsaa waltajicha irratti hirmaatanis deeggarsaa fi hordoffii barbaachisaa taasisuun yeroo qabameef keessatti xumuruuf kan hojjetan ta’uu himaniiru.

Naannoo Oromiyaatti pirojektoonni mootummaa Federaalaa, naannoo, aanaalee fi qaamolee deeggarsaa garaagaraan ijaaramaa jiran, madda komii osoo hin taane tajaajila Uummataaf akka ooluuf xiyyeeffannoon akka hojjetamuuf kallattiin kaa’amuu ragaan Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment