Finfinnee, Waxabajjii 10, 2016 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti pirojektoonni kuma 20 ol Birrii Biiliyoona 79’n ijaaraman xumuramuu Pireezidaantiin Ittaanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin ibsan.
Obbo Awwaluun raawwii pirojektoota misoomaa naannichatti hojjetamaa turanii ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kennaniiru.
Ibsa isaaniin mootummaan naannichaa pirojektoota misoomaa komii ummataa ta’an irraatti xiyyeeffachuun hojjechaa turuu kaasan.
Haaluma kanaan naannichatti pirojektoonni kuma 31 fi 167 hojjetamaa turuu yaadachiisanii kana keessaa pirojektoonni kuma 20 fi 667 ol xumuramuu himaniiru.
Pirojektoonni kunneenis hawaasa miiliyoona 35 fayyadamtoota akka taasisuu dubbatanii, baatii kanarraa eegaluun hanga walakkeessaa Adoolessaatti eebbifamuun tajaajilaaf banaa ta’u jedhaniiru.
Lalisee Tasfaayee fi Maraa’ol Kadiirtu gabaase
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo mara waan nu waliin taataniif isin galateeffanna.