Finfinnee, Sadaasa 9, 2014 (FBC)- Godina Shawaa Lixaa aanaalee garaagaraa keessatti Oppireeshinii gaggeeffameen miseensonni garee Shanee dhibbaatamatti lakkaa’aman barbadaa’uu fi hedduun booji’amuu ibsameera.
Aanaalee Daannoo fi Jibaatitti hidhattoonni 63, Aanaa Ambootti 47, Abuna Gindabaratitti 235, waliigalaan hidhattoota 345rratti tarkaanfiin fudhatamuu ibasmeera.
Kanneen keessaa 4 hooggantoota waraana garee shororkeessa kanaa ta’uu eerameera.
Miseensonni garichaa hedduun madaa’uu fi qaamolee nageenyaatti harka kennachuu ibsameera.
Loote seentonni fi basaastonni garichaa baay’een to’atamuu addeessameera.
Nagaa fakkaatanii uummata keessa dhokachuuf kan yaalan eeruu uummataan to’atamuu fi qabamaa jiraachuu ibsameera.
Maddi:- Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna