Oromiyaatti namoota dabalataa 91 irratti vaayrasii koroonaa argame

Finfinnee, Fulbaana 14, 2013 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 darbeetiin namoonni 91 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame.

Naannichaatti sa’aa 24 darbeetiin qorannoo laabraatoorii namoota 623 hojjetameen vaayrasichi namoota 91 irratti argamuu Biiroon Eeggumsa Fayyaa Oromiyaa beeksiseera.

Oromiyaatti hanga guyyaa kanaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii 10691 ga’eera.

Waliigala Lubbuun namoota 79 darbeera.

Namoonni haaraan 208 vaayrasichaarra yoo dandamatan, hanga ammaatti namoonni 6236 dandamataniiru.

Namoonni 16 wallaansa cimaa keessatti argamu.

Yeroo ammaa vaayrasichi kan irra jiru namoota 4376 ta’uu biirichi ifoomseera.

Erga vaayrasichi gara Ityoophiyaa seenee hanga ammaatti naannoo Oromiyaatti qorannoon laabraatoorii namoota 187397 gaggeeffameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

 

Comments (0)
Add Comment