Oromiyaatti namoonni yakka ajjeechaa fi saamichaan shakkaman to’atamuu poolisiin beeksise

Finfinnee, Caamsaa 27, 2012 (FBC) – Lixaa fi iddoolee biroo naannoo Oromiyaatti namoota yakka ajjeechaa fi saamichaan shakkaman to’annaa jala oolchuu Koomiishiniin Poolisii Oromiyaa beeksise.
 
Namoonni koomiishinichi to’ate 48 ta’uu itti aanaan koomiishinaraa fi hogganaan damee qorannoo yakkaa Koomiishinii Poolisii Oromiyaa Girmaa Galaan ibsaniiru.
 
Namoonni kanneen maqaa abbaa torbeetin lubbuu namaa balleessudhaanis shakkamaniiru jedhan.
 
Godina Qeellam Wallaggaa, magaalaa Naqamtee fi magaalaa Burraayyuutti badii raawwataniirus jedhan.
 
Humnoota dhimmicharratti ajajaa turanii fi namoota gochicha abbummaan raawwachaa turan too’annoo jala oolchineerras jedhan.
 
Maqaa ABO shaneetin Lixa Oromiyaa Qeellam keessattii namoonni 212 kan miidhaman yoo ta’u, magaalaa Sayyoo keessattis namoonni 114 humna kanaan ajeefamuu ibsu itti aanaan koomiishinaraa fi hogganaan damee qorannoo yakkaa Koomiishinii Poolisii Oromiyaa Girmaa Galaan.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Comments (0)
Add Comment