Oromiyaatti namoonni dabalataa 224 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame

Finfinnee, Hagayya 11, 2012 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 darbeetiin namoonni 224 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame.
 
Naannichaatti sa’aa 24 darbeetiin qorannoo laabraatoorii namoota 3843 hojjetameen vaayrasichi namoota 224 irratti argamuu Biiroon Eeggumsa Fayyaa Oromiyaa beeksiseera.
 
Oromiyaatti hanga guyyaa kanaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii 3177gaheera.
 
Waliigala Lubbuun namoota 35 darbeera.
 
Erga vaayrasichi gara Ityoophiyaa seenee hanga ammaatti naannoo Oromiyaatti qorannoon laabraatoorii namoota 76,117 gaggeeffameera.
 
Nammoonni haaraan 40 vaayrasichaarra yoo dandamatan, hanga ammaatti namoonni 979 dandamataniiru.
 
Namoonni 8 wallaansa cimaa keessatti argamu.
 
Yeroo ammaa vaayrasichi kan irra jiru namoota 2163 ta’uu biirichi ifoomseera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

Comments (0)
Add Comment