Oromiyaatti namoonni dabalataa 185 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame

Finfinnee, Hagayya 10, 2012 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 darbeetiin namoonni 185 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame.

Naannichaatti sa’aa 24 darbeetiin qorannoo laabraatoorii namoota 3537 hojjetameen vaayrasichi namoota 185 irratti argamuu Biiroon Eeggumsa Fayyaa Oromiyaa beeksiseera.

Oromiyaatti hanga guyyaa kanaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii 2953 gaheera.

Lubbuun namoota 8 yoo darbu, waliigala Lubbuun namoota 35 darbeera.

Erga vaayrasichi gara Ityoophiyaa seenee hanga ammaatti naannoo Oromiyaatti qorannoon laabraatoorii namoota 72,274 gaggeeffameera.

Nammoonni haaraan 30 vaayrasichaarra yoo dandamatan, hanga ammaatti namoonni 939 dandamataniiru.

Namni 1 wallaansa cimaa keessatti argama.

Yeroo ammaa vaayrasichi kan irra jiru namoota 1979 ta’uu biirichi ifoomseera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment