Oromiyaatti Namoonni Dabalata 90 Vaayrasii Koroonaatin Qabaman

Finfinnee, Onkolooleessa 3, 2013 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 darbeetiin namoonni 90 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame.

Naannichaatti sa’aa 24 darbeetiin qorannoo laabraatoorii namoota 799 hojjetameen vaayrasichi namoota 90 irratti argamuu Biiroon Eeggumsa Fayyaa Oromiyaa beeksiseera.

Oromiyaatti hanga guyyaa kanaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii 13,754 ga’eera.

Lubbuun namoota 3 yoo darbu, waliigala Lubbuun namoota 114 darbeera.

Namoonni haaraan 29 vaayrasichaarra yoo dandamatan, hanga ammaatti namoonni 8260 dandamataniiru.

Namoonni 20 wallaansa cimaa keessatti argamu.

Yeroo ammaa vaayrasichi kan irra jiru namoota 5380 ta’uu biirichi ifoomseera.

Erga vaayrasichi gara Ityoophiyaa seenee hanga ammaatti naannoo Oromiyaatti qorannoon laabraatoorii namoota 202,231 gaggeeffameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

Comments (0)
Add Comment