Oromiyaatti namoonni dabalata 74 vaayrasii koroonaatin qabaman

Finfinnee, Onkololeessa 23, 2013 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 darbeetiin namoonni 74 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame.

Naannichaatti sa’aa 24 darbeetiin qorannoo laabraatoorii namoota 571 hojjetameen vaayrasichi namoota 74 irratti argamuu Biiroon Eeggumsa Fayyaa Oromiyaa beeksiseera.

Oromiyaatti hanga guyyaa kanaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii 16,267 ga’eera.

Lubbuun namoota 2 yoo darbu, waliigala Lubbuun namoota 149 darbeera.

Namoonni haaraan 73 vaayrasichaarra yoo dandamatan, hanga ammaatti namoonni 10219 dandamataniiru.

Namoonni 32 wallaansa cimaa keessatti argamu.

Yeroo ammaa vaayrasichi kan irra jiru namoota 5908 ta’uu biirichi ifoomseera.

Erga vaayrasichi gara Ityoophiyaa seenee hanga ammaatti naannoo Oromiyaatti qorannoon laabraatoorii namoota 215470 gaggeeffameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

Comments (0)
Add Comment