Oromiyaatti namoonni dabalata 175 vaayrasii koroonaatin qabaman

Finfinnee, Onkololeessaa 12, 2013 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 darbeetiin namoonni 175 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame.
 
Naannichaatti sa’aa 24 darbeetiin qorannoo laabraatoorii namoota 752 hojjetameen vaayrasichi namoota 175 irratti argamuu Biiroon Eeggumsa Fayyaa Oromiyaa beeksiseera.
 
Oromiyaatti hanga guyyaa kanaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii 15,192 ga’eera.
 
Lubbuun nama 1 yoo darbu, waliigala Lubbuun namoota 127 darbeera.
 
Namoonni haaraan 72 vaayrasichaarra yoo dandamatan, hanga ammaatti namoonni 9,420 dandamataniiru.
 
Namoonni 24 wallaansa cimaa keessatti argamu.
 
Yeroo ammaa vaayrasichi kan irra jiru namoota 5645 ta’uu biirichi ifoomseera.
 
Erga vaayrasichi gara Ityoophiyaa seenee hanga ammaatti naannoo Oromiyaatti qorannoon laabraatoorii namoota 208420 gaggeeffameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment