Oromiyaatti namoonni dabalata 102 vaayrasii koroonaatin qabaman

Finfinnee, Onkokoleessa 26, 2013 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 darbeetiin namoonni 102 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame.
 
Naannichaatti sa’aa 24 darbeetiin qorannoo laabraatoorii namoota 516 hojjetameen vaayrasichi namoota 102 irratti argamuu Biiroon Eeggumsa Fayyaa Oromiyaa beeksiseera.
 
Oromiyaatti hanga guyyaa kanaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii 16,545 ga’eera.
 
Lubbuun namoota 2 yoo darbu, waliigala Lubbuun namoota 153 darbeera.
 
Namoonni haaraan 163 vaayrasichaarra yoo dandamatan, hanga ammaatti namoonni 10,524 dandamataniiru.
 
Namoonni 31 wallaansa cimaa keessatti argamu.
 
Yeroo ammaa vaayrasichi kan irra jiru namoota 5868 ta’uu biirichi ifoomseera.
 
Erga vaayrasichi gara Ityoophiyaa seenee hanga ammaatti naannoo Oromiyaatti qorannoon laabraatoorii namoota 217306 gaggeeffameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
 
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
Comments (0)
Add Comment