Oromiyaatti muduraalee sanyii filatamaa gabaa alaaf dhiyeessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Gurraandhala 8, 2014 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti muduraalee sanyii filatamaa gabaa alaaf dhiyeessuun sharafaa alaa argamsiisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Biiroo Qonnaa Oromiyaatti itti aanaan Damee Misooma Muduraa, Bunaafi Mi’eessituu Obbo Muhaammadsaasnii Amiin himaniiru.

Waggoota sadan darban kanattis akka Oromiyaatti xiyyeeffannaa hojii qonnaatiif kennameen, midhaan callaa oomishuu cinatti muduraalee oomishuun nyaataaf oolchuu fi gabaa biyya keessaafi alaatiif dhiheessuuf ciminaan hojjetamaa jira.

Haalumaan kanaanis, yeroo ammaa muduraalee gabaa biyya keessaaf dhiheessuu bira darbamee, abukaadoon gabaa biyya alaatiif dhiheessuun eegalameera.

Kunis, inisheetiivii gama muduraan jiru dabaluun qonnaan bultoonni xiyyeeffannoosaanii keessa akka galchaniif qooda olaanaa ba’ateera.

Hojii kana caalmaatti babal’isuufis bara kanas qophii biqiltuu sanyii filatamaa ganna dhufu dhaabbatu abukaadoo 2,022,502, muuzii 2,022,502, paappaayyaa 1,600,000, maangoo 79,407fi appilii 142,200 ta’u maasii qonnaan bultotaafi bakka kunuunsa biqiltuu Mootummaa irratti dhaabbatee kunuunfamaa jiraachuu Obbo Mohaammadsaaniin ibsaniiru.

Hawaasni aadaa hojii cimaa qabuun gorsaafi deeggarsa ogeeyyiin qonnaa kennaniifitti fayyadamee cimee hojjechuun, hanqina nyaata madaalawaa qabaniif fala kennaa, dabalataanis gabaa biyya keessaafi alaatti dhi’eessuun dinagdeesaaanii guddisuuf hojjechuu akka qabanis dhaamuusaanii ragaan Biiroo Qonnaa Oromiyaarraa argame ni muldhisa.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment