Oromiyaatti misooma suluulaa fi qabeenya uumamaa lafa hektaara miiliyoona 2 ol irratti hojjechuuf qophiin taasifamuu ibsame

Finfinnee, Sadaasa 6, 2014 (FBC) – Bara kana akka Oromiyaatti misooma suluulaa fi qabeenya uumamaa lafa hektaara miiliyoona 2 fi kuma dhibba 5 olirratti hojjechuuf qophiin taasisfamuu hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa obbo Abarraa Warquu ibsaniiru.

Boqonnaa qophii sosochii hojii misooma suluulaa fi qabeenya uumamaa bara 2014irrattti leenjiin leenjiftootaa ogeessota damee qabeenya Uumamaa kuma 1 fi  267 marsaa lamaan kennamu Adaamaatti eegalee jira.

Leenjichi  hojii misooma suluulaa fi kunuunsa qabeenya uumamaa bona kana hojjetamurratti ogeeyyii fi hawaasni hubannoo argachuun qindoominaan akka hojjetaniif hubannoo laachuuf ta’uu ibsameera.

Ogeeyyii Godinaa, aanaalee  fi magaalotaaf akkasumas  sadarkaa gandaatti qonnaan bultotaaf leenjichi kan kennamu ta’uu eerameera.

Hojii misooma suluulaa fi qabeenya uumamaa kanaan lafa hektaara miiliyoona 2 kuma dhibba 5 fi kuma 79 ol  hirmaannaa hawaasaan misoomsuuf qophiin barbaachisu hundi taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.

Hawaasni ololaa sobaa diinaaf osoo gurra hin laatin hojii misoomaa cimsanii itti fufuu akka qaban obbo Abarraan dhaamuu ragaan Biiroo Qonnaa Oromiyaarraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment