Oromiyaatti misooma Qamaadii boneettin hanga ammatti lafti hektaarri kumni 772 ol sanyiin uwwifame – BQO

Finfinnee, Mudde 13, 2015 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti misooma Qamaadii Jallisii boneen lafa hektaara kuma 920 qophaa’e keessaa hanga ammatti lafti hektaarrii kumni 772 ol sanyiin uwwifamu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beekiseera.

Jilli Hogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuun durfamu Godina Shawaa Bahaa Aanaa Liibaan Cuqqaalaatti Qamaadii lafa hektaara kuma 5 facaasuun kan sassaabbirra jiru ammoo daawwachuu ibsameera.

Godinichaatti bara kan misooma Qamaadii jallisii boneen lafa hektaara kuma 200 misoomsuuf karoorfame hanga ammatti lafti hektarri kumni 151 ol sanyiin uwwifamuu ragaaan Biiroo Qonna Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment