Finfinnee, Bitootessa 17, 2017(FMC) – Naannoo Oromiyaatti waggoottan jahan darbanitti fayyadamtoonni inshuraansii fayyaa hawaasaa miiliyoona 29 ol horachuun danda’amuu Biiroon Fayyaa Oromiyaa beeksise.
Biirichi waggoottan jahan darbanitti fayyummaa hawaasaa mirkaneessuuf tajaajila fayyaa qulqullina, walgitiinsa qabuu fi haqa qabeessa ta’e kennuun hawaasa fayya qabeessa horachuuf xiyyeeffannaa olaanaan hojjechaa jiraachuu ibse.
sirna tajaajila fayyaa dursanii dhukkuba ittisuufi yaalanii fayyisuu bu’uura godhachuun hojii hojjetameen bu’aawwan guguddoon argamuu Hogganaa itti aanaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dooktar Bokonaa Guutaa ibsaniiru.
Haaluma kanaan waggoottan jahan dura baay’ina hospitaalotaa 70 ture, yeroo ammaa 110 qaqqabsiisuun hawaasni dhiyeenyaan tajaajila fayyaa akka argatu taasifameera jedhan.
Keellaa fayyaa waliigala 200 haaraa ijaaruun, hawaasni baadiyyaa tajaajila fayyaa naannawaa isaatti akka argatu taasifamuu Dooktar Bokonaan dubbataniiru.
Tajaajila fayyaa dhaabbileen fayyaa kennan ammayyeessuuf tajaajila haaraa hojirraa oolchaa jiraachuus himaniiru.
Tajaajila baqaqsanii yaaluu buufata fayyaa keessatti armaan dura hin turre yeroo ammaa buufata fayyaa 61 keesatti tajaajila baqaqsanii yaaluu kennamaa jiraachuu eeraniiru.
Waggoottan 6’n darbanitti Amphulaansii haaraa 159 Godinoota, Magaalota fi hospitaalotaaf qooduun du’aatii haadhoolii fi daa’immanii xiqqeessuun danda’amuus kaasaniiru.
Inshuraansiin fayyaa hawaasaa milliyoona 29’n gahuus himan.
waggoottan jahan darbanitti gama seektara fayyaatiin jijjiiramni abdachiisaan jiraachuu kan ibsan Dooktar Bokonaan, ammas gama dhiyeessii qorichaa, messhaalee yaalaa, waliin gahiinsa hospitaala sadarkaa jalqabaa fi uwwisa ogeeyyii fayyaa gosa ogummaa fi baay’inaan waliin gahuu irratti hanqina jiruu furuun tajaajila fayyaa qulqullina qabu kennuuf xiyyeeffannaa olaanaan hojjetamaa jiraachuu dubbachuu isaanii ragaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.