Oromiyaatti manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa 84 ijaarramuufi

Finfinnee, Hagayyaa 15, 2012 (FBC) – Oromiyaatti bara itti aanu manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa 84 ni ijaarramu jedhame.
 
Manneen barnootaa addaa 40; barattoota dandeettii addaa qaban kan banaman ta’uu sadarkaa itti aanaa preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaatti qindeessaan kilaastara hawaasummaa obbo Addisuu Araggaan beeksisaniiru.
 
Ijaarsa manneen barnootaa kanneenif baajatni Birrii biiliyoonni 1 ramadameera.
 
Ijaarsi isaaniis turtii waggaa tokko hin caalle keessatti xumuramuun tajaajilaaf ni qophaa’u.
 
Kunis qulqullina barnootaa fi waliin ga’iinsa manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa ni fooyyessa.
 
Naannichatti bara itti aanu manneen barnootaa bultii 7 ijaaruuf qophiin taasifamaa jira jedhan obbo Addisuun.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment