Oromiyaatti lammiilee kuma dhibba 7 oliif carraan hojii uumamuu ibsame

Oromiyaatti lammiilee kuma dhibba 7 oliif carraan hojii uumamuu ibsame

Finfinnee, Amajjii 17, 2014 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti lammiilee kuma dhibba 7 oliif carraan hojii uumamuu Biiroon carraa hojii uumuu fi kalaqaa Oromiyaa beeksise.

Baatiiwwan ja’an darbanitti naannichatti lammiilee kuma dhibba 7 oliif carraan hojii uumamuu hogganaan biirichaa obbo Ahimad Idiriis ibsaniiru.

Lammiilee gara hojiitti galchuuf liqiin Birrii biiliyoona 1 ol mijeeffamuu fi lafti heektaarri kuma 29 ol dargaggoota waldaan gurmaa’aniif dabarfamuu eeraniiru.

Damee qonnaatiin carraan hojii lammiilee kuma 400 uumamuu ibsaniiru.

Dameewwan ijaarsaa, misooma albuudaa, manufaakichariingii, tajaajilaa fi dameewwan biroon carraan hojii uumamuu kaasaniiru.

Fedhii fi dhiyeessiin liqaa wal madaaluu dhabuun, bakki hojii fi daldalaa ga’aan dhiyaachuu dhabuunii fi kiraa fi liqiin maashinii liizii yeroon deebi’uu dhabuun rakkoolee adeemsa hojii uumuu keessatti mul’atan ta’uu ibsaniiru.

Maddi:- TOI

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment