Oromiyaatti lakkoofsi namoota Covid -19 qabamanii 221 ga’e

Finfinnee,Waxabajjii 12, 2012 (FBC) – Oromiyaatti gabaasa qorannaa sa’aa 24 darbeetin namoonni 6 vaayrasii koroonaatin qabamuu Biiroon Eeggumsa Fayyaa Oromiyaa beeksise.
 
Gabaasa sa’aa 24 kanaan qorannaan laabraatoorii samuudaa namoota 700 kan hojjetame yoo ta’u, namoota 6 irratti vaayrasichi argameera.
 
Namoonni 5 dubartoota,1 ammoo dhiira ta’uu biirichi ifoomseera.
 
Umriin isaaniis waggaa 3 hanga 37 ta’uu ibsameera.
 
Namoota 6 keessaa 2 Harargee Bahaa, 1 Shawaa Bahaa, 1 magaalaa Burraayyuu, 1 Sabbataa, 1 Godina Jimmaa ta’uus biirichi beeksiseera.
 
Namni haaraan 1 dandamateera.
 
Hanga ammaatti namoonni 42 dandamataniiru.
 
Waliigalaan amma ammaatti qorannaan samuudaa 15, 927 gaggeeffameera.
 
Namoonni 7 lubbuu isaanii dhabaniiru.
 
Amma vaayrasichi kan irratti argamu namoota 172 yoo ta’u, waliigalaan qorannaadhan kan irratti argame 221.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment