Oromiyaatti lafti heektaarri miiliyoona 8 ol sanyiidhan uwwifamuu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksise

Finfinnee, Hagayyaa 7, 2012 (FBC) –Oromiyaatti lafti heektaarri miiliyoona 8 ol sanyiidhan uwwifamuu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksise.
 
Qonna Ganaa bara 2012tin hanga ammaatti lafti heektaarri miiliyoonni 8 fi kumni dhibbi 5 oomishaalee gara garaatin uwwifameera jedhan itti aanaan hogganaa biirichaa obbo Geetuu Gammachuun.
 
Obbo Geetuun qophiin karooraa fi dhiyeessii xaa’oo fi galtee qonnaa biroo dursee taasifamuu isaatin raawwin hanga ammaa gaarii ta’uu eeran.
 
Bara kana lafa heektaara miiliyoona 6.1 qotuun karoorfamee kan ture yoo ta’u, karooraa ol lafti heektaarri miiliyoonni 8 fi kumni dhibbi 5 sanyiidhan uwwifameera jedhan.
 
Dhiyeessiin xaa’oo, sanyii filatamaa, farra aramaa cimee itti fufuusaas ibsaniiru.
 
Lafti heektaarri kuma 100 fi kuma 15 fi 10 naannoo magaalotaatti bakkeewwan kosiin itti gatamu; dhaabbilee misoomaa mootummatin qabamanii garuu kan irratti hin hojjetamin, qotee bultoonni qabatanii irratti oomishuu kanneen hin dandeenyee fi lafa dureeyyiin hojii qonnaa irratti bobbaa’an akka ta’e Dhabbanni Preesii Ityoophiyaa gabaasera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
 
Comments (0)
Add Comment