Finfinnee, Sadaasa 23, 2014 (FBC) – Oromiyaatti oomishinni lafa hektaara miliyoona 6 fi kuma dhibba 3 qonna gannaatiin misoome keessaa hanga ammaatti oomishinni hektaara miiliyoona 3 ol irraa sassaabamuu ibsameera.
Hojiin duula sassabbii oomisha midhaanii guyyaa har’aa hojjettoota Ministeera Qonnaa fi Sekteraalee Ministeerichatti wamaman 10 irraa walitti babba’an hirmaachise gaggeeffameera.
Hojii kanaan Godina Addaa Naannawaa Finfinnee Aanaa Sabataa Hawasitti bifa ho’aa ta’een oomishinni qonnaan bultootaa maatiin isaanii birmadummaa biyyaa eegsisuuf duulanii fi oomishinni qonnaan bultoota humna hin qabne walitti qabamuu ibsameera.
Oomisha sassaabbiif ga’e hektaara miiliyoona 3 fi kuma dhibba 4 keessaa hanga ammaatti lafa hektaara miiliyoona 3 olirraa oomishni sassaabamuu eerameera.
Kan hafes akkuma sassaabbiif gaheen hawaasni walgargaaree sassaabuu kan itti fufu ta’uu ragaan Biiroo Qonnaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa
argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.