Oromiyaatti lafa heektara kuma 16’rra Avokaadoon dhaabameera-BQO

Finfinnee, Amajjii 14, 2016 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti lafa heektara kuma 16’rra Avokaadoo sanyii filatamaan dhabamuu Biiroon Qonna naannicha beeksisee.

Naannichatti misooma Avokaadoorraa oomisha kuntaala miiliyoona 5 walitti qabuun, galii Doolara miiliyoona 3 argachuuf karoorfamuu Hogganaan Ittaanaan Biirichaa Obbo Mahaammad Saaniin ibsaniiru.

Hanga ammaattis lafa heektara kuma 16’rra biqiltuun Avokaadoo sanyii filatamaa dhaabamuu eeraniiru.

Inisheetiviiwwan naannichatti hojiirra oolaa jiran keessaa misoomni Avokadoo tokko ta’uu ibsuun, omishichaan fedhii biyya keessaa irraa darbe gabaa alaaf dhiyyeessuun sharafaa alaa argachuuf hojjetama jiraachuu Obbo Mahammad Saaniin dubbataniiru.

Avokaadoo Toonii kuma tokko gabaa alaaf dhiyeessuuf hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru.

Misoomni Avokaadoo naannicha godinoota 21 keessaatti hojjetamaa jiraachuun eeruun, qonnaan bultoonni kuma 100 misooma Avokadoon fayyadamoo ta’uu ibsuu DHPI gabaaseera.

Naannoo Oromiyaatti Avokaadoon lafa hektaara kuma 25 irra dhaabuun, uwwisa waliigalaa sanyii Avokaadoo al-ergii hektaara kuma 40 oliin gahuuf hojjetamaa jira.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment