Finfinnee, Guraandhala 13, 2015 (FBC)-Naannoo Oromiyaatti konkolattonni tajaajila geejjiba ummataa kennaan kuma 71 fi 582 fayyadamoo deeggarsa boba’aa ta’uu Ejensiin Geejjibaa Oromiyaa beeksise.
Hogganaan Ejensii Geejjibaa Oromiyaa Obbo Jamaal Kadir Faanaa Biroodkastiingi Korpooreetitti akka himanitti, konkolattota fayyadamtoota deeggarsa boba’aa, tajaajila dhunfaaf oolchan kuma 1 fi 372 irratti tarkaanfiin fudhatameera.
Kanneen keessaa konkolaattoonni 502 adabamuun hojii idileetti yoo deeb’faman, konkolattoonni 870 sirna deeggarsaa boba’aa keessaa dhorkamuu dubbataniiru.
Akka Obbo Jamaal jedhanitti, baatiiwwan jahan darban, hordoffiin hojirraa oolmaa deeggarsa boba’aa milkaa’aa ta’uu fi sirnicha teeknooloojiin tumsuun danda’ameera.
Kana malees, taarifaa mootummaan baaseen alaa daballii taasifamuu ittisuurratti eejensichi tarkaanfii fudhachaa jiraachuu kaasuun, seeraan alummaa kaffaltii taarifa geejjibaarratti hawaasni mirga isaa kabajchiisuu akka qabu hubachiisaniiru.
Hojiilee Nageenya Tiraafikaan mirkaneessuun teeknoloojiiwwan to’annoo fi hordoffii tiraafikaa hojiirra oolchuun balaa tiraafikaa %35’n hir’isuu fi balichaan lubbuu darbu %28’n hir’isuun akka danda’ame eeraniiru.
Tsahaay Gulummaatu gabaase
#Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.