Oromiyaatti kitaabileen sirna barnootaa haaraan miiliyoonni 22 ol raabsamuun ibsame

Finfinnee, Amajjii 6, 2016 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti kitaabileen sirna barnootaa haaraan maxxanfaman miiliyoonni 22 ol raabsamuu Biiroon Barnootaa Oromiyaa beeksise.

Biirichatti Daayrektarri Karoora, Hordoffii fi Gamaaggamaa Obbo Hasan Idriis, naannichatti qulqullina Barnootaa eegsisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Haaluma kanaan, kitaabileen sirna barnootaa haaraan yeroon barattoota akka qaqqabaniif walta’iiisaan hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Adeemsa maxxansa kitaabilee saffisiisuuf mootummaan bajata barbaachisu ramaduun hojjechaa jiraachuu Obbo Hasan eeraniiru.

Hanga ammaattis kitaabileen barnootaa sadarkaa 1ffaa miiliyoonni 15.5 fi sadarkaa 2ffaa immoo miiliyoonni 6.6 raabsamuu ibsaniiru.

Biirichi kitaabiilee hafan hatattamaan maxxansuun barattootaaf kan raabsuu ta’uu Obbo Hasan Faanaa Biroodkastingi Korporeetif ibsaniiru.

Malaaku Gaddiftu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment