Oromiyaatti jirattoonni godinaaleen 4 raayyaa ittisa biyyaaf deeggarsa sangoota 705 fi Birrii miiliyoona 7.6 taasisan

Finfinnee, Sadaasa 11, 2013 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti jiraattoonni godina Booraanaa, Gujii dhihaa, Harargee dhihaa fi godina adda Oromiyaa naannawa Finfinnee raayyaa ittisa biyyaaf deeggarsa sangoota 705 fi Birrii miiliyoona 7.6 taasisaniiru.

Deeggarsicha abbootiin gadaa, jaarsoliin biyyaa fi hoggantoonni hojii mootummaa godinaalee arfaniirra bakka bu’an  mooraa humna lafootti argamuun laataniru.

Bakka butoonni kunneen raayyaa ittisa biyyaa deeggaruuf murannoo akka qaban ibsaniiru.

Sagantaa deeggarsa kanarratti kan argaman Ministir Deettaa Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI  aadde Maartaa Liwijii deeggarsa godinaleerraa taasifameef galateeffataniiru.

Maddi:-TOI

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa
Comments (0)
Add Comment