Oromiyaatti ji’oottan 6’n darban lammiilee miiliyoona 4.1 oliif deeggarsi taasifame-Obbo Musxafaa Kadiir

Finfinnee, Mudde 26, 2015(FBC)- Oromiyaatti ji’oottan 6’n darban lammiilee miiliyoona 4.1 ol balaa uumamaa fi namtolcheef saaxilamaniif deeggarsi taasifamuu Hogganaan Buusaa Gonofaa Oromiyaa Musxafaa Kadiir ibsan.

Lammiilee sababa hongeefi rakkoo nageenyaan qe’ee fi qabeenyaa isaaniirraa buqqa’an miiliyoona 4.1’f midhaan nyaataa kuntaala miiliyoona 1.7 ol, maallaqa callaa Birrii miiliyoona 862 fi kuma 746 ol, meeshaalee tajaajila mana keessaaf oolan Birrii miiliyoona 90’tti tilmaaman deeggarsi taasifamuu Obbo Musxafaan Faanaa Biroodkaastingi Koorporeetiitti himaniiru.

Deeggarsi kunis hawaasa naannawaa Gammoojjii Baalee, Booranaa, Gujii, Harargee Lixaa fi Bahaatti argamaniif taasifamu ibsan.

Akkasumas naannawaa rakkooleen nageenyaa mul’atan godinaalee Lixa Oromiyaa dabalatee godinaalee biroo keessaa lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniifis deeggarsi taasifamaa jiraachuu kaasuun, nageenyi mirkanaa’ee hanga deebisanii dandamachiisuutti deeggarsi walitti fufiinsa qabu akka taasifamuu eeraniiru.

Gama biraan, naannawaa horsiisee bultoota Godinaalee Gujii fi Booranaa sababa hongeen beeyladoonni isaanii miidhamanitti margi beelii (hidhaa) kuma 25 ol akka qaqqaabu taasifameera jedhaniiru.

Kana malees rakkoo bishaanii godinaalee naannawaa Gammoojii furuuf bootteewwaan 50 ol deeggarsi taasifamuu kaasaniiru.

Dabalataan, Busaa Gonofaan manneen barnoota kuma 9 fi 680 ol keessaatti barattootaaf nyaata dhiyeessaa jiraachuu Koomishinar Musxaafan ibsuun, kunis barattoonni barnootaarraa akka hinhaafne ni tumsa jedhaniiru.

Tsahaay Gulummaatu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment