Oromiyaatti Interpiraneroota kuma 80 ol horachuuf karoorfame hojjetamaa jira – BCHUO

Finfinnee, Fulbaana 10, 2016 (FBC) –Naannoo Oromiyaatti Interpiruuneroota kuma 80 ol horachuuf karoorfame hojatama jirachuu Biiroon Carraa Hojii Uumuu Oromiyaa beeksise.

Lammilee miiliiyoona 1.6 oliif leenjii Interpiraneershiipii kennuf hojjetamaa jiraachuus ibseera.

Itti Aanaa Hogganaan biirichaa Obbo Abdurezaaq Ahimad Koollejjii Poolii Teeknikaa Atileet Qanaanisaa Baqqallaa dawwaataniiru.

Bara kana naannichaatti Koollejjootni madda galiin akka of danda’aan gochuu irraatti xiyyeeffanaan hojjetamaa jiraachuu Obbo Abdurezaaq eeraniiru.

Koollejjiin Poolii Teeknikaa Atileet Qananniisaa Baqqalaan bara 2015tti madda galii keessoo isaan Birrii miiliiiyoona 54 argachuu danda’ee jira.

Bara 2016ttis madda galii keessoo isaan Birri miiliiiyoona 70 argachuuf karoorfachuu Diiniin Koollejjichaa Obbo Nasradiin Qaadiin dubbatani jiru.

Midhaksa Qachaatu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment