Oromiyaatti intarpiraayizoonni kuma 1fi 100 gara invastimantiitti ce’u-BCHUOO

Finfinnee, Waxabajjii 24, 2016 (FBC)- Barana Oromiyaatti intarpiraayizoonni kuma 1 fi 100 gara invastimantiitti kan ce’an ta’uu Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa beeksise.

Akka Kilaastara Kibba Lixaatti, Magaalaa Jimmaa, Agaaroo akkasumas Godina Jimmaa, Buunnoo Beddellee fi Iluu Abbaa Boor irraa sagantaan intarpiraayizoota 356 gara invastimatiitti ceesisuu Magaalaa Jimmaatti gaaggeeffameera.

Saganticharratti Hoggaanaan Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa Injiinar Eebbaa Garbaa akka jedhanitti barana naannichatti intarpiraayizoonni kuma 1fi 100, kaappittaala Birrii biiliyoona 3.2’n gara invastimantiitti kan ce’an ta’uu ibsaniiru.

Intarpiraayizootni hafan gara invastimantiitti akka cehaniif deeggarsii barbaachisaan ni taasifamaaf jedhameera.

Saganticharratti interpiraayizoota ce’anif waraqaan ragaa kennameera.

Muktaar Xahaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment