Oromiyaatti Intarpiraayizoonni 740 gara guddattuu giddugaleessaatti ce’an

Finfinnee, Bitootessa 25, 2014 (FBC) – Biiroon Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Oromiyaa har’a magaalaa Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti ce’umsa intarpiraayizoota marsaa 12ffaatiin intarpiraayizoota 740 gara guddattuu giddu galeessaatti ceesiseera.

Mootommaan naannoo Oromiyaa diinagdee naannichaa fooyyessuun ummanni dafee qabeenya akka horatu taasisuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuu Preezdaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan ibsaniiru.

Hoggansi Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa sadarkaa sadarkaan jiran dargaggootaaf carraa hojii bal’aa uumuurratti jalqabbii fi abdii muul’achaa jiru caalaatti mirkaneessuurratti xiyyeeffatannii hojjehuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Obbo Shimallis “Intarpiraayizoonni har’a ceetan jabaadhaa hojjedhaa, Carraa hojii ba’aa namoota biroof uuma, Baankii Siinqeetti qusadha; irraas liqeeffadhaa hojjedhaa jedhan.

“Gibira mootummaas seeraafi amanamummaan seeraankaffalaa. Qabeenya qabdanirratti dabaluuf ykn guddisuuf daraan cimaatii hojjedha” jechuun ergaa dabarsuu isaanii DhPI gabaaseera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment